Balaliisaan Xiyyaara utuu balaliisuu lubbuun darbe

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)-Balaliisan Daandii Qilleensaa Turki utuu Xiyyaara Balaliisuu lubbuun isaa darbuun gabaafame.

Balaliisaan Ilseehiin Peelivaan kan umriin 59 Ameerikaa Siyaatil irraa ka’uun gara Turki Istaanbulitti xiyyaara balaliisaa utuu jiruu dhukkubee kufuurraan lubbuun isaa darbuun eerameera.

Balaliisaan kun lubbuun isaa darbus Gargaaraan isaa xiyyaarichaa rakkoo tokko malee qubachiisuu Dubbii Himaan Daandii Qilleensaa Turki Yaahiyaa Ustuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

Imaltoonni xiyyaarchaa keessaa turaan 350 du’a tasaa balaliisaa mudateen Niwuyoorkiin qubachuun ibsameera.

Daandiin Qilleensaa Turki akka beeksisetti balaliisichi bara 2007 irraa eegalee baliliisummaan hojjechaa akka ture eeruun, baatii Bitootessaa keessa qorannoo fayyaa taasiseen rakkoo fayyaa hojii dhaabsisuun akka hinqabne mirkanaa’uun himameera.

Hanga ammaattis Balaliisicha rakkoo fayyaa balaa du’aaf saaxileen kan hinbeekamne ta’uu BBC’n gabaaseera.

Kanaan dura balaan akkanaa bara faranjootaa 2015 kan mudate ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment