Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Balaliin guyyaatti Finfinneerraa gara Maqalee taasifamu hir’ateera kan jedhame odeeffannoo dogoggoraa ta’uu Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.
Daandiin qilleensichaa guyyaa balalii gara Maqaleetti eegalerraa kaasee Finfinneerraa gara Maqaalee fi Maqaleerraa gara Finfinneetti tajaajila imaltootaa geejjibsiisu itti fufuu ibsa har’aa baaseen hubachiseera.
Umriin walqabatee imaltootaarra uggurri balalii kaa’ame kamuu kan hinjirre ta’uu ibsichaan beeksiseera.
Balaliin gara Maqaleetti taasifamu guyyaatti si’a sadiitti guddachuu fi balaliin guyyaatti taasifamus hir’ateera kan jedhame odeeffannoo dogoggoraa ta’uu ibseera.
Fuuldurattis fedhii tajaajila balalii jiru bu’uureffachuun baay’ina balalii dabaluuf qophii ta’uu daandiin qilleensichaa beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:-
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.