Balaawwan uumamaa mudataniif mootummaan Birrii biiliyoona 11 ramadee hojjechaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Balaawwan uumamaa Itiyoophiyaatti mudataniif mootummaan Birrii biiliyoona 11 ramadee hojjechaa jiraachuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa ibse.

Komishinarri komishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam addatti Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif akka ibsanitti, hongeen gara beelaatti jijjirameera jechuun qaamoleen odeessan kaayyoo biraa qabaatanii kanneen socho’aan malee adeemsa saayiinsaawaa fi bu’uuraa dhugaa kan hinqabneedha jedhan.

Lammiileen odeeffannoo akkanaa tamsaasaa jiran of qusachuu akka qaban dubbataniiru.

Hoongeen erga mudatee booda mootummaan deeggarsa garaagaraa taasisaa turuu eeruun, dhaabbiileen deeggartootaas deeggarsa Birrii biiliyoona 4.2 olii taasisuun, waliigalaatti deeggarsa namoomaaf kan ooluu deeggarsi Birrii biiliyoonna 15.2 argamuu ibsaniiru.

Hoongee Naannoo Amaaraa Godinaalee 8 keessatti, Naannoo Afaar godinaalee 3 keessatti akkasumas Naannoo Tigraay godinaalee 3 keessatti mudachuu eeruun, miidhaamtootaaf deeggarsa qaqqabsiisuuf hirmannaan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Komishinichi naannolee tokko tokkootti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf rakkoon nageenyaa guufuu ta’aa jiraachuu kaasaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment