Balaan Lolaa Liibiyaatti mudate bu’uraalee misoomaa Baha biyyattii % 70 barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Balaan Lolaa tibbana Liibiyaatti mudate bu’uraalee fi dhaabbilee misoomaa Baha biyyattii % 70 barbadeessuu Ministeerri Geejjibaa Liibiyaa beeksiseera.

Balaan Lolaa Kutaa Baha biyyattiitti qaqqabeen Riqichaalee magaaloota jaha walqunnamsiisaan lama dabalatee Riqichaaleen 11 barbadaa’uu ministeerichi ibseera.

Magaaloota kanneen keessatti bu’uuraalee misooma Bishaanii % 80, Daandiin % 50 barbadaa’uu maddoonni Oduu biyyattii gabaasaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa akka gabaaseetti, balaa lolaa mudateen lubbuun namoota kuma 11 fi 300 darbuu fi namoonni kumni 40 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment