Balaan ibiddaa Xiyyaara Jaappaan mudatus imaltoonni nagaan ba’an

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Balaa ibiddaa Xiyyaaraa imaltootaa Jaappaan mudateen imaloonni xiyyaarichaa keessaa 379 fi hojjettoonni xiyyaarichaa nagaan ba’uun gabaafame.

Balichi kan mudate xiyyaarichi wayitaa buufataa xiyyaaraa Hanedaa Tookiyoo qubachaa jirutti Heelikooftara eegumsaa qarqaraa galaanaa waliin walitti bu’uun akka ta’ee BBC’n gabaaseera.

Imaltoonni xiyyaarichaa keessa turan hundi ba’anis hojjettoonni Helikooftara eegumsa qarqara galaanaa 6 lubbuun isaanii yoo darbu, balaliisaan heelikooftarichaa madaa’uun ibsameera.

Ka’umsi balichaa beekamuu baatus Humni Eegumsaa Qarqaraa Galaanaa qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Balichi Xiyyaara imaltootaa Jaappaan 516 ta’e buufata Xiyyaaraa Niwu Chiistoose Sappooroo irraa ka’uun Haneeda qubachuuf wayita turerraatti kan mudateedha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment