Balaan Ibiddaa warshaa Ispoonjii magaalaa Finfinnee keessatti muudate qabeenya barbadeesse

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Balaan Ibiddaa Warshaa Ispoonjii magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Araadaatti muudateen qabeenya Birrii kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu barbadeessuu himame.
 
Kutaa bulchiinsa magaalaa Araadaa aanaa 3 iddoo Raas Dassitaa jedhamutti balaa Ibiddaa Warshaa Ispoonjii muudateen qabeenyi kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu barbadaa’uu Koomishiniin Hooggansa Sodaa balaa fi Ibiddaa beekise.
 
Ka’umsi balaa kanaa hanga ammaatti hin beekkamne jedhame.
 
Koomishinii Hooggansa Sodaa balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinneetti dursaan garee Koominikeeshiniin Ummataa obbo Gulilaat Geetaaneen halkaan edaa balaan kun muudachuu ibsaniiru.
 
Hirmaannaa hojjettoonni ittisa balaa taasiisaniin qabeenyi miiliyoona 25 olitti tilmaamamu dandamachuu ibsaniiru.
 
Balaa kana too’achuuf bishaan liitirri miiliyoonni 84 fi Foomiin liitirri 200 ol hojirra oolu ibsameera.
 
Balaa kanaan qabeenyi kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu barbadaa’uu himameera.
 
Poolisiin magaalaa Finfinnee, hawaasnii fi hojjettoonni ittisa balaa qindoominaan hojii hojjetaniin miidhaa hamaa ga’uuf ture too’achuun danda’ameera jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment