Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Balaan Ibiddaa Paarkii Asaboot Halaayidageetti qaqqabee ture guutumaan guutuutti to’atamuu ibsame.
Balichi Bitootessa 2, 2013 paarkicha keessatti ka’uun isaa kan yaadatamuudha.
Guyyoota 4 keessatti margaa fi bosona lafa Kiiloo Meetira 100 irra ture barbadeessuu Qindeessaan Waajjira Paarkichaa obbo Ahimad Indiriis ibsaniiru.
Balaa qaqqabeen marga, biqiltoota, bineensota bosonaa fi simbiroowwan hedduurra miidhaan ga’uu himaniiru.
Ibiddicha to’achuuf tattaaffii taasiifamaa tureen halkan edaa guutumaa guutuutti to’atachuun danda’amuu dubbataniiru.
Ibiddicha dhaamsuuf gareen Biiroo Hoggansa Ittisa Balaa Ibiddaa naannoo Afaar, dhaabbileen misoomaa mootummaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa, jiraannoonni aanaa Amiibaaraa fi Haruukaa hirmaannaa taasiisaa turan obbo Ahimad galateeffataniiru.
Balaa Ibiddaa irra deddeebiin paarkicha muudatu ittisuuf Yuunvarsiitii Odaa Bultumii fi dhaabbata ‘Reed Pilaas’ jedhamu waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Paarkiin Asaboot Halaayidagee bara 1965 hanga bara 2006tti paarkii eeggumsa bineensotaa kan ture yoo ta’u, bar 2006 booda gara sadarkaa paarikii biyyaalessaatti guddachuuf kaadhimamuu ibsameera.
Paarkichi naannoo daangaa Afaarii fi Oromiyaatti kan argamu yoo ta’u,Bineensota Bosonaa fi Simbiroowwan hedduun of keessatti kan hammateedha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.