Balaan Ibiddaa naannoo daangaa Paarkii Biyyaalessa Baaleetti ka’ee ture to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Balaan Ibiddaa naannoo daangaa Paarkii Biyyaalessa Baalee fi aanaalee ollaa paarkichaatti ka’ee ture to’atamuu Abbaan Taayitaa Eaggumsa Bineensota Bosonaa Ityoophiyaa beeksiise.
Balaan Ibiddaa guyyoota Afur dura naannoo daangaa aanaalee ollaa Paarkii Biyyaalessa Baaleetti ka’ee ture to’atamuu Daayreektarri Kabachiisa Seera Bineensota Abbaa Taayitichaa obbo Daani’eel Asaffaan himaniiru.
Balaan Ibiddaa Gobbaa fi Barbaree gidduu iddoo Simanaa Odoo Buluu jedhamutti ka’e to’atamuu kaasaniiru.
Ka’umsi balichaa maal akka ta’e qoratamaa jiraachuu obbo Daani’eel ibsaniiru.
Hojiin ka’umsa ibiddichaa qulqulleessuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment