Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Kooriyaan Kibbaa Balaa Xiyyaaraa halkan edaa mudate hordofee gadda biyyaalessaa guyyoota 7’f labsite.
Xiyyaarri Taayilaand Baankuukii imaltoota 175 fi hojjettoota 6 fe’ee Kooriyaa Kibbaa Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Mu’aanitti waayita qubachuuf yaalu kufee caccabuun lubbuu namoota 177 galaafachuu hordofee biyyattiin gadda biyyaalessaa kana labsuu ibsameera.
Hojjettoonni lama lubbuun yoo argaman, carraan namoota hanga ammaatti hin argamnee maal akka ta’e hin beekamne jedhame.
Xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa Jaaju jedhamu ta’e, Booyingi 737 – 800 waayita qubachuuf jedhu dallaatti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu BBCn gabaseera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa balaa gaddisiisaa qaqqabeef dhiifama gaafachuu eerameera.
#Oromiyaa #Ethiopia