Balaa Xiyyaaraa Alaaskaa booda biyyoonni hedduun xiyyaarota isaanii hojii dhaabsisaa jiru

Finfinnee, Mudde 29, 2016 (FBC)- Balaa Xiyyaara Alaaskaa mudateen booda sababa nageenyaaf biyyoonni hedduun xiyyaaronni Booyingii akka dhaabbatan taasisaa jiraachuun gabaafame.

Jimaata darbe balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Alaaskaa mudateen xiyyaarichi qilleensarra balali’aa utuu jiru qaamni irraa cabuun deebi’ee akka qubatu taasifamuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa xiyyaarota Booying Max 9, 171 balalii akka dhaaban taasisuu ibseera.

Daandiin Qilleensaa Ameerikaa sakatta’iinsa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa gaafatu xiyyaarota Booyingi 737 MAX 9 qabu 79 keessaa garii isaanii irratti qorannoo taasisuu ibseera.

Taatee kanaan walqabatee Daandiin Qilleensaa Turkiis xiyyaarota isaa gosa Booying 737 Max 9 ta’an shan sakatta’uuf balaliirraa deebiseera.

Dabalataan Paanaamaa fi Meeksiikoon xiyyaarota 40 ta’an balaa xiyyaaraa Daandii Qilleensaa Alaskaa mudateen booda akka tajaajila dhaabaan taasisuu CGTN gabaaseera.

Ejensiin Nageenyaa Aviyeeshinii Gamtaa Awurooppaas xiyyaaronni Booyiingi MAX 9 akka tajaajila dhaabaniif akeekkahiisa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa kenne hordofee, xiyyaaronni biyyoota miseensaa gamtichaa akaakuu xiyyaara balaan mudatee tajaajila kennaa akka hinjirree ibseera.

Akkasumaas Nageenyii Daandii Qilleensaa Ingiliz oppireetaroonni xiyyaara Booyingi 737 MAX 9 qajeelfama Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa baase akka hordofaan hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment