Balaa uumamaa naannolee hedduu miidhe ilaalchisee tarkaanfiiwwan mootummaan fudhate gamaaggamameera – DR Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Balaa uumamaa naannolee hedduu miidhe ilaalchisee tarkaanfiiwwan mootummaan fudhate gamaaggamameera – Dooktar Abiy Ahimad

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hooggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee, balaa uumamaa naannolee hedduu miidhe ilaalchisee tarkaanfiiwwan mootummaan fudhate har’a ganama gamaaggamaniiru jedhan.

Balaan lolaa cimaan mudatus lubbuun akka hin banne taasifamuun waan gaariidha.

Raayyaan Ittisaa keenyas bakkeewwan kanneenitti argamee deeggersa barbaachisaa ta’e kennaa jira.

Mareewwan walittaansinee gooneen gargaarsota qaamolee mootummaa ilaallatuun godhamu dabalatee, dhimmoota hedduurratti kallattii ittaanu keenyeerra.

Maree keenyaan rakkoolee nageenyaa darbanii darbanii uumamanii fi lubbuufi qabeenya uummataa gaaga’aa jiran irrattis marii’anneera.

Keessumaa taateewwan naannoo daangaatti ta’aa jiran gareewwan adeemsa jijjiiramaa gufachiisuu barbaadaniin kan qindaa’anidha.

Warra walittibu’insa kanneen keessatti hirmaatan hunda seeraan gaafachiisuuf ergamni Abbaa Alangaa Waliigalaatiin durfamu ni raawwatama.

Kanaan walqabatee qaamolee namoota 29 Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti danqamanii turan akka gadhiifaman tattaaffii godhan hunda nan galateeffadha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment