Balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) -Naannoo Gaambeellaa Aanaa Jikaawotti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 darbuun ibsame.

Balichi kaleessa galgala naannawaa sa’aatii 1tti Ambuulaasiin Magaalaa Gaambeellaarraa gara Aanaa Jikaawootti imalaa ture riqichaa yeroo laga Baaroo keessaatti kufuun kan mudate ta’uun ibsameera.

Balichaan lubbuun namoota 7 battalumatti kan darbe yoo ta’u,namoota 7irra immoo miidhaan qaamaa salphaa fi cimaan qaqabuun eerameera.

Namoota miidhaan irra qaqqabeef wal’aansi taasifamaafi jiraachuun ibsameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment