Balaa tiraafikaan daandiin cufamee ture baname

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Balaa tiraafikaa Godinaa Shawaa Bahaa Matahaaraa fi Olancitii gidduutti mudateen daandiin cufamee ture banamuun tajaajila eegaluu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Balaa tiraafikaa kaleessa mudatee kanaanis daandichi cufamuun sochii tiraafikaa gufachiisuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan, daandicharraatti konkolaataa fe’umsaa garagaluun sochii tiraafikaa gufachiise kaasuun sochii tiraafikaa fi tajaajilaaf banaa ta’uu koomishinichi beeksiseera.

Miikiyaas Ayyaalaatu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment