Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Bahaa aanaa Hulatti Ijjuu Innaseetti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 30 darbuu ibsameera.
Balichi har’a ganama naannoo sa’aatii 1:00 iddoo addaa Buhaachii jedhamutti qaqqabuu ibsameera.
Konkolaataa Awutoobisiin Goondarii gara Finfinnee imalaa ture Konkolaataa ummataa Goonchaa Siisoo Innasee ka’ee gara aanaa Weeyin Wuhaa imalaa turee waliin walitti bu’uun balaa qaqqabsiiseen lubbuun namoota 30 darbuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mooxarraa argame ni agarsiisa.
Namoota 6 irra balaa cimaa, namoota 11 irra ammoo balaa salphaan ga’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.