Balaa tiraafikaa mudateen Lubbuun haadhaa fi ilmaa darbe

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaatti balaa konkolaataa dhaqqabeen lubbuun haadhaa fi Ilmaa darbuu Waajjirri Poolisii Aanaa Xaarmaa Barri beeksise.
Ambulaansiin Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromaa Baatiirraa gara Finfinnee imaluu ture daandii cinatti haadhaa fi daa’ima konkolaataa eeggataa turan irra ba’uun lubbuun isaanii dabarsuuu Itti gaaftaamaan Waajjiraa Poolisii Aanichaa Inispeektar Olaanaan Shawaataaxaq Haayilasillaasee himaniiru.
Akkasumas namoota lamarra balaa salphaan dhaqqabuu himaniiru.
Konkolaachisaan to’annoo jala ooluu fi ka’umsi balichaa qulqullaa’aa jiraachuu ragaan kominikeeshinii Aanaa Xaarmaa Barrirraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment