Balaa Tiraafikaa miseensota maatii tokkoo namoota 5 dabalatee lubbuu namoota 14 galaafate

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC) – Balaan Tiraafikaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagamitti qaqqabe miseensota maatii tokko namoota 5 dabalatee lubbuu namoota 14 galaafate.

Balaan kun guyyaa kaleesaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam ganda Alii Doorootti kan qaqqabe yoo ta’uu, miseensota Maatii tokkoo namoota 5 dabalatee lubbuu namoota 14 galaafachuun Poolisiin Oromiyaa beeksiseera.

Konkolaataan walharkisu Finfinnee gara Bahirdaaritti Xaa’oo fe’ee imalaa ture konkolaataa deddeebisa Ummataa Doolfinii jedhamurra ba’uun lubbuu namoota kanneenii galaafachuu Poolisii Oromiyaatti Qorataan Diiviizyiinii balaa Tiraakaa Inispeekktarri Olaanaan Taaddalaa Leejjisaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Namoota 7 irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu eeraniiru.

Balaa qaqqabe kanaan qabeenyi Birrii miiliyoona 3.5tti tilmaamamu barbadaa’uus kaasaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment