Balaa Tiraafikaa magaalaa Finfinneetti qaqqabeen namoota 46 irra miidhaan qaamaa ga’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 7tti balaa Tiraafikaa har’a ganama qaqqabeen namoota 46 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.
Awutoobisiin deddeebisa ummataa TATA jedhamu namoota 61 fe’ee gara Bahaar Daar imalaa ture Isuuzii fe’iinsaa gara Finfinnee imalaa ture waliin waliitti bu’uun namoota 46 irra balaa qaamaa qaqqabsiisuu Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan Miidiyaa Inspeektarri olaanaan Maarqoos Taaddasaan ibsaniiru.
Balichi ganama har’aa naannoo sa’aatii 1:30tti daandii guddaa ba’umsa Finfinnee gara salaalee /karra Qirxii / gaara Inxooxxoo jedhamutti qaqqabuu isaa himaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti namoonni miidhaan irra qaqqabe yaallamaa jiru.
Suuraan Dabalee Gaarradootiin.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment