Balaa Tiraafikaa ittisuuf qindoominaan hojjechuun jijjiirama fiduun barbaachisaadha-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) – Balaa Tiraafikaa ittisuuf qindoominaan hojjechuun jijjiirama fiduun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Geejjiba fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.
Waltajjiin nageenyaa Tiraafikaa mirkaneessuurratti xiyyeeffate qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti hasaawa baniinsaa kan taasiisan Dooktar Alamuu Simeen, Itiyoophiyaatti balaan tiraafikaa lubbuu galafachuu, miidhaa qaamaa fi qabeenyaa mancaasuun miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbatan.
Balaa tiraafikaa hir’isuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaniis yaaddoon balichaa hammataa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan rakkoo kana furuuf qindoominaan hojjechuun jijjiiramaa waaraa fiduun barbachiisaa ta’uu eeraniiru.
Waltajjicharratti qooda fudhattoonni naannoolee fi bulchiinsa magaaloota hirmaachaa jiraachuun ibsameera.
Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.
Comments (0)
Add Comment