Balaa tiraafikaa Godina Harargee Bahaatti mudateen lubbuun namoota 14 darbe

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Magaalaa Qarsaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 14 darbuu Qajeelchi Poolisii godinichaa beeksiseera.
Qajeelchichatti Itti Gaafatamaan Diviizhinii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Inispeektar Tolasaa Goshuu FBC’f akka eeranitti, balichi konkolaataa Ayisuuzuu Dirree Dhawaarraa gara Finfinnee simmintoo fe’ee imalu, Magaalaa Qarsaatti fireeniin ajajamuu diduun namoota gabaa deeman dhiirota 8 fi dubartootaa 6 rukutuun lubbuu isaanii darbeera.
Dabalataan, namoota lamarra miidhaa cimaan dhaqqabuun wal’aansaaf gara Dirree Dhawaatti ergamuu himaniiru.
Ka’umsi balichaa saffisa eeyyamameen ala konkolaachisuun fireeniin ajajamuu diduu himaniiru.
Konkolaachisaarraas miidhaan dhaqqabuu fi to’annoo jala ooluu Inispeektar Tolasaan himaniiru.
Balichi naannoo sa’a 08:30tti kan mudate ta’uu eeraniiru.
Tashoomaa Haayiluutu Gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment