Balaa tiraafikaa fi ibiddaa qaqqabeen lubbuun nama 1 yoo darbu, qabeenyi Birrii kuma 200 olitti tilmaamamu barbadaa’e

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti halkan kaleessa balaa tiraafikaa fi ibiddaa qaqqabeen lubbuun nama 1 yoo darbu,  qabeenyi Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 30 tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

Balaa tiraafikaa kun kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti aanaa 6 kan qaqqabee yoo ta’uu, balicha konkolaataan fe’umsaa girooserii keessaa seenuun lubbuun nama tokko darbeera.

Kanarra darbees namoota 4 irra miidhaan qaama cimaan qaqqabuu Komishinii hoggansa sodaa balaa fi ibidda magaalaa Finfinneetti ogeessi hariiroo uummataa obbo Nigaatuu Maammoo Faanaa Broodkaasting Koorporeettitti himaniiru.

Gama biraatin ammoo kaleessa galgalaa kutaa magaalaa Boolee aanaa 14 Garjii buufata boba’aa Nookiiti kusaa meeshaalee konistiraakshinii mana waliin jireenyaa 40/60 keessaatti balaa ibidda qaqqabeen qabeenyi Birrii kuma 20tti tilmaamamu barbadaa’eera.

Haaluma walfakkatuun kutaa magaalaa Addis Kataamaa aanaa 2 duuba hootela Celaaloo manneen sadiirratti balaa ibidda qaqqabeen qabeenyi Birrii kuma 30tti tilmaamamuu barbadaa’uu ibsameera.

Balicha to’achuuf tattaaffii taasifameen qabeenya Birrii miiliyoona 4 baraaruun danda’ameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment