Balaa tiraafikaa Aanaa Taltalleetti mudateen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 20 darbe.

Balichaan miidhaa cimaan namootaa 18 irra yoo ga’u namoota 14 irraa ammoo miidhaa salphaa qaqqabuu Bulchaan Aanaa Taltallee Obbo Abduuba Konsoo himaniiru.

Balaan kun Konkolaataa Deddeebisa Ummataa Magaala Miillammiirraa gara Ganda Waayyuutti imalaa ture bakka addaa Tarbee Meexii jedhamutti daandii gadi lakkisee garagaluun kan uumame ta’uu ragaan kominikeeshinii Godina Booranaarra argame ni mul’isa.

Namoota balichaan miidhaman Hospitaaloota Wolaayittaa fi Taltalleetti geeffamuun wal’aansi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment