Balaa Tiraafikaa aanaa Lagaambootti qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)-  Balaa Tiraafikaa Godina Walloo Kibbaa aanaa Lagaambootti qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe.

Balichi kan qaqqabe konkolaataan Siinoo Tiraak jedhamu namoota fe’ee Makaanasalaam irraa gara Dabrakarbee osoo imaluu galagaluun ta’uu eerameera.

Balichaan namoota 15 irras miidhaan qaamaa cimaafi salphaan qaqqabuu ibsameera.

Poolisiin aanichaa qorannoo taasisaa jiraachuufi miidhamtoonni gara hospitaalaa akka geeffaman taasisuu ragaan kominikeeshinii aanaa Booranaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment