Balaa Tiraafikaa Aanaa Diggaatti qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Balaa Tiraafikaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbuu ibsame.

Konkolaataan deddeebisaa Uummataa TATA jedhamu Finfinnee irraa gara Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbiitti Imaltoota fe’ee imalaa ture Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti daandii irraa maquun garagalee lubbuu namoota 7 galaafachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Wallagga Bahaarraa argame ni mul’isa.

Namoota 46 irra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment