Balaa Tiraafikaa Aanaa Beddelleetti mudateen lubbuun namoota 14 darbe

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 14 darbuu ibsame.

Konkolaataan fe’umsaa ISUZU jedhamu namoota fe’uun gara Magaalaa Beddelleetti imalaa ture garagaluun lubbuun namoota 14 ol darbuu himameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Beddelleerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment