Balaa nutti aggaamame qolachuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi ummanni waloon dhaabbachuu qabu – Aadde Adaanach

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Balaa nutti aggaamame qolachuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi ummanni gurmaa’uun, waldubbisuu fi tokkummaan diigamuu biyyaa baraaruu akka qaban Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota olaanaa magaalicha waliin haala waqtaawaarratti mari’ataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT fi ergamtoonni isaa Ityoophiyaa yoo nuti hin bulchine ni diiggamti, ni bittinnoofti kaayyoo jedhu qabatanii hojjechaa jiraachuu qaamni hundi hubachuu akka qaban hubachiisnaiiru.

Balaa biyya diiguu nutti aggaamame kana qolachuuf hoggansi hundi qindoominaan, waldubbisuu fi tokkummaan Ityoophiyaa diinaa hammaataa kanarraa baraaruu akka qaban Aadde Adaanach yaadachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa fi jiraattoonni magaalichaa hundi Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasiisuu qabu jedhan.

Jijjiirramni wareegama olaanaan dhufe garee finxaalleyyiin akka hin gufanne dargaggoonni akkuma kanaan duraa raayyaa ittisaatti makamuun qabsaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Ummata hirmaachisuun bifa gurmaa’een ergamtoota garee shororkeessaa saaxiluun nageenya eegsiisuu cinaatti lammiilee sababa weeraraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deeggaraa hojiilee misoomaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu himuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment