Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Balaa lolaa rooba gannaan mudatu ittisuuf qophii taasisuun barbaachisaa ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin hubachiisan.
Walga’iin idilee Mana Maree Olaanaa Kunuunsa Naannoo 10ffaan gaggeeffameera.
Walitti qabaan mana marichaa Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonninii fi Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habataamuu Ittafaan walga’icha dursaniiru.
Walga’icharratti Preezdaantonni naannolee Uummattoota Kibbaa, Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Gaambeellaa hirmaataniiru.
Dabalataanis hoggantoonni Biirolee bishaanii fi ogeeyyii olaanoon naannolee biroo hirmaachuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.
Walga’ichaan dhimmoota balaa lolaa ittisuu, bocee dhabamsiisuu fi Ashaaraa Magariisaarratti mari’achuun kallattii kaa’uu ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.