Balaa lolaa naannichaa waaraan furuuf hojjetamaa jira- Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Balaa lolaa naannoo Gaambeellaa irra deddeebiin mudatu waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadiifi hoggantoonni Olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa biroon naannichatti iddoowwan balaa lolaan miidhaman daawwataniiru.

Balichi jiraattota godinota Nuweeriifi Anyuwaak hedduurra miidhaa akka geessise daawwachuu Injinar Ayishaan dubbataniiru.

Naannichatti balaa lolaa waggaa waggaan mudatu yeroo gabaabaafi waaraan furuuf dhaabbilee federaalaa qaamni isaa ilaallatu qindeessuun hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluun gamasaaniin, naannichatti aanaalee 10fi magaalaa Gaambeellaa keessatti balaan lolaa mudachuu ibsuun, kutaalee hawaasaa balichaan miidhaman deeggaruufi furmaata waaraa barbaaduuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Mootummaan naannichaa lammiilee balichaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasisuu, haa ta’u malee deeggarsichi gahaa akka hin taaneefi mootummaan federaalaas deeggarsa barbaachisaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment