Balaa lolaa Liibiyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 5 fi 300 caale

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Balaa lolaa Liibiyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 5 fi 300 caaluu ibsame.
Namoonni kumni 10 ol achi buuteen isaanii hin argamne jedhame.

Hangi lakkoofsa lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Lubbuu baraartoonni hojii lubbuu baraaruu fi namoota miidhaman barbaacha itti fufuu eerameera.

Balicha hordofee biyyoonni garaagaraa deeggarsa ariifachiisaa Liibiyaaf ergaa jiraachuu ibsameera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan miidhaa qaqqabe hordofee ummataa fi mootummaa biyyattiif jajjabina hawwaniiru.

Ameerikaan wayita rakkoo kana lammiilee Liibiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu dubbataniiru.

Jarmaan, Turkii, Iraan, Xaaliyaanii, Kuwaatarii fi Ijipti Liibiyaaf deeggarsa yeroo ariifachiisaa erguu isaanii BBC fi Sky Newsn gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment