Balaa Lolaa Godina Silxee irra deddeebiin mudataa jiruuf furmaata kennuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Balaa Lolaa Godina Silxee irra deddeebiin mudataa jiruuf furmaata waaraa kennuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa beeksise.

Godina Silxee Aanaalee Silxii fi Baha Silxiitti balaan lolaa irra deddeebiin miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu hogganaan Komishinichaa Ma’iraaguu Maateewoos Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Rakkicha hundeerraa furuuf Mootummaa Federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Aanaalee kanneenitti lammiilee miidhaamann kuma 6 oliif deeggarsi taasiifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment