Balaa Konkolaataa muudateen lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa Godina Harargee Lixaa Aanaa Ciroo iddoo dildila Qillisoo jedhamutti qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbuu himame.

Balaa kanaan lubbuu namoota darbee cinaatti namoota 5 irratti miidhaa cimaa qaqqabeera.

Balichi konkolaata deddeebisa ummataa minibaasi magaala Hirnaa irraa imaltoota fe’ee gara Ciroo imalaa turee fi konkolaata fe’iinsa Finfinneerra gara Jibuuti imalaa ture waliin walitti bu’uun balaan kun qaqqabuu danda’eera.

Wajjirri kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa kanneen lubbuu dhabaniif rabbiin jannata haakennuuf maatii isaanii Rabbiin haa jajjabeessu,kanniin miidhaman rabbiin haafayyisu! Jedheera.

 

Comments (0)
Add Comment