Balaa konkolaataa Godina Wallagga Lixaatti mudateen lubbuun namoota 14 darbe

Finfinnee, Muddee 22, (FBC) – Balaa konkolaataa godina Wallagga Lixaa aanaa Gidaamiitti mudateen lubbuun namoota 14 darbuun himame.

Balaan tiraafikaa kun har’a naannawa sa’aatii 5:00tti konkolaataan dedeebisa ummataa ‘Doolfinii’ jedhamuu koodi 3 ORO lakkoofsa gabatee 42578 imaltoota 17 fe’ee Naqamteerra gara Gidaamii imalaa ture, konkolaataa fe’iinsaa ET koodi 3 lakkoofsa gabatee isaa 58995 ta’e Mandiirraa gara Finfinnee imalaa ture waliin walitti bu’uun mudate.

Balichi ganda baadiyyaa Joogir bakka addaa Bulbul jedhamutti walitti bu’uun lubbuun imaltoota 11 fi gargaaraa konkolaachisaa fe’iinsichaa battalumatti darbeera.

Balichi kan mudate Konkolaataan fe’iinsichaa daandii mijataa filchuuf jecha daandii isaa gadhiisuun balaa kana kan qaqqabsiise ta’uu itti gaafatamaan diivijinii nageenya tiraafika godina wallagga Lixaa Saajin Olaanaa Geejjasoo Asaffaa himaniiru.

Namoonni 8 miidhaa cimaan irra gahee yeroo ammaa Hospitaala Gimbiitti yaalamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ka’umsi balaa kanaa ariitii seeraan alaa akka ta’es saajin Geejjasoon himaniiru jechuun Kennasaa Amanteetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment