Balaa konkolaataa Dirree Dhawaatti qaqqabeen lubbuun namoota 16 darbe

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa Dirree Dhawaa naannoo Laas Deereetti qaqqabeen lubbuun namoota 16 darbeera.

Namoota lubbuun darbe dabalaatan namoota 5 irra miidhaa cimaan yoo ga’u, namoota 7 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan ga’eera.

Balaa kanaan miidhaa lubbuu fi qaama namaarra ga’e cinaatti qabeenyi barbaada’uun himameera.

Balicha kan qaqqabsiise konkolaataa minibaasi 3 fi konkolaata tiraakara 2 ta’u ibsameera.

 

Comments (0)
Add Comment