Balaa konkolaataa Aanaa Cirootti mudateen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 8 darbuun eerame.

Balaan mudate kun konkolaataa deddeebisaa ummataa qaxxamura biyyaa (TATA) Harar irraa Finfinnee imalaa jiru bajaaji Mi’eessoo Husee irraa gara Cirootti imalaa turteen walitti bu’uun ta’uun ibsameera.

Balaa kanaanis lubbuun namoota 8 darbuu, miidhaan qabeenyaa malee namarraa miidhaan qaamaa qaqqabee akka hinjirre eerameera

Qajeelcha poolisii Godina Harargee Lixaatti, Itti gaafatamaan Diviizyinii To’annoo fi Nageenya Tiraafikaa Gargaaraa Inspeektaraa Taammiraat Isheetuu ibsuu OBN gabaaseera.

Ka’umsi balichaas ariitiin konkolaachisuu ta’uu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment