Balaa ibiddaatiin biqiltuuwwaan Kuma 200 ol manca’an

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) -Aanaa Shaashamannee ganda Daalattii Calalaqaatti balaa ibiddaa qaqqabeen biqiltuuwwan duula “ashaaraa magariisaatiin” Adoolesa 22, 2011 dhaabaman gosti mukkeen garaa garaa kuma 200 ol ta’an gubachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanichaa beeksise.
 
Balaa ibiddaa qaama hin beekamneen uumame kana, qorachuuf qaamolee nageenyaa wajjin hojjetamaa jira jedhameera.
 
Itti aanaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanichaa obbo Dastaa Utaan gochaa qaamota aantummaa ummataa hin qabneen raawwatame kana ummanni balaaleffachuu qaba jedhaniiru.
 
Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa jalqabame milkeessuuf, biqiltuuwwan dhaabaman eeguu fi kunuunsuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
 
Aanichatti duula “ashaaraa magariisatiin” biqiltuuwwan miliyoona 1 dhaabamanii carraa guddachuu %95 argatan kan kunuunfamaa jiran ta’uu odeefanneera.
 
Geetaachaw Muullataatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment