Balaa Ibiddaan lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa magaalaa Calanqootti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbuu himame.
 
Balichi kan ka’e mana nama dhuunfaa seeraan ala boba’aan itti gurguramaa ture keessaa ta’uu Qajeelcha Poolisii godinichaatti itti gaafatamaan Kominikeeshiinii Koomaandar Siyyuuma Dagafaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif himaniiru.
 
Balaa kaleessaa galgala naannoo sa’aatii 1:30tti qaqqabee kanaan haadha warraa mana balichi ka’ee dabalatee lubbuun daa’imman umrii waggaa 6 fi 8 darbuu himaniiru.
 
Balaa kanaan manneen jireenyaa lama guutummaan guutuutti kan barbadaa’an yoo ta’u, hirmaannaa ummattan balaan dabalataa osoo hin qaqqabin to’atamuu ibsaniiru.
 
Balaay Tasfaayeetu gabaase
Comments (0)
Add Comment