Balaa Ibiddaa tibba darbe magaalaa Sooddoo Gabaa Markaatorra qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Balaa Ibiddaa tibba darbe magaalaa Sooddoo Gabaa Markaatorra qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsame.

 

Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw kutaa hawaasa balichaan miidhaman waliin marii taasiisaa jiru.

 

Giddugala gabichaatti miidhaa qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoonni 57 fi kuma dhibba 6 fi kuma 70tti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

 

Kutaan hawaasaa kumni 5 fi 378 qabeenya isaanii dhabaniiru.

 

Hawaasa miidhaan irra qaqqabe deebisee dhaabuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsaniiru.

 

Mootummaan naannichaa Biirrii miiliyoona 10 deeggarsa taasisuus dubbataniiru.

 

Hawaasni miidhaan irra qaqqabes deeggarsi barbaachisu akka taasiifamuf gaafachuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni agarsiisa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment