Balaa Ibiddaa Markaattoo Naannawaa Shammaa taraa jedhamutti mudate to’achuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa Markaattoo Naannawaa Shammaa Taraa jedhamutti mudate to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalichaa beeksise.

Balicha to’achuuf konkolaattoonni Ittisaa Balaa fi ogeeyyiin bobbaafamuu Ogeessi Hariiroo Ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon ibsaniiru.

Ka’umsii fi miidhaan balichi qaqqabsiise qulqullaa’ee ummataaf kan ifoomu ta’uu Obbo Nigaatuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment