Balaa ibiddaa mana jireenyaa keessaa ka’een lubbuu namaarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC)- Godina Walloo Kibbaa aanaa Kutaabarri ganda 05tti balaa ibiddaa mana jireenyaa keessatti ka’een lubbuun maanguddoo umrii 80 darbeera.

Daa’ima haadha ishee baraaruuf yaalii taasifteerras miidhaa qaqqabuun yaalarratti argamti jedhameera.

Balichi nyaata horii mana keessaa kuufamee turee fi hanqina of eeggannootiin ta’uu eerameera.

Ibiddichi ollaa fi iddoo biraatti akka hin babaldhanneef qaamoleen nageenyaa naannichaa tattaaffii olaanaa taasisuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment