Balaa Ibiddaa Ameerikaa bulchiinsa Hawaayitti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 93 ga’e

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC) – Balaa Ibiddaa Ameerikaa bulchiinsa Hawaayitti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 93 ga’uu gabaafameera.

Balaa Ibiddaa kanaan lubbuun namoota 93 yoo darbuu, waggoota 100 asitti balaa cimaa muudate ta’uu eerameera.

Odola bakka bashannanaa namoonni kumni 12 ol keessa jiraatan guutummaatti barbadeessuu ibsameera.

Balaa kanaan ijaarsawwan kumni 2 fi 200 fi lafti hektaarri 850 barbadaa’uus eerameera.

Miidhaa qaqqabe kana deebisanii dhaabuuf Doolaarri biiliyoonni 5.5 kan barbaachisu ta’uu Ejansiin Bulchiinsa Balaa Tasaa biyyattii beeksiisuu AFPn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment