Balaa ibidda bosonaa Awustiraaliyaatin hanga ammaatti bineensonni biiliyoonni 1.25 gubataniiru

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Balaa ibidda bosonaa Awustiraaliyaatin hanga ammaatti bineensoonni biiliyoona 1.25tti tilmaammaman du’uu isaanii “World Wide Fund for Nature (WWF)” ifoomsera.

Balaa kanaanis gosti bineensota biyyattii keessatti qofa argaman hedduun du’aniiru.

Kibba bulchiinsa Weelsitti qofa bineensonni miiliyoonni dhibbi 8 balaa kanaaf saaxilamaniiru.

Akka Akkaadaamiin Yuunvarsiitiin Siidnii beeksisetti, torbe darbe keessa bineensonni miiliyoona dhibbi 4 fi miiliyoona 80 ta’an du’aniiru.

Miidhaan kutaa bulchiinsa Viiktooriyaa, Kwiinlaand, lixa Awustiraaliyaa, Kibbaa fi Tasmaaniyaa keessatti bineensota irra qaqqabe adda bahee hin beekkamne jedhameera.

Ibiddichi yeroo ammaa iddoo 120tti qabatee boba’aa jira.

Ibiddi amma boba’aa jiru kun bulchiinsa Viiktooriyaa, Odola Kaangaaroo fi Kibba Awustiraaliyaatti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu akka danda’u ibsameera.

Maddi:-WWF

Comments (0)
Add Comment