Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamamu qolachuuf baayyee hojjechuutu nurra jira- Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamamu qolachuuf baayyee hojjechuutu nurra jira jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay.

Dooktar Abrahaam kan kan jedhan haasaa baniinsaa  sirna eebba gamoo waajjira olaanaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarratti taasisaniini.

Ityoophiyaan bara baraan waraanota diinota ishee  keessaa fi alaan irratti banaman qolachuun birmadummaashee kabachiistee har’a ga’uu kaasaniiru.

Dhaaloonni ammaa Birmadummaa Biyya isaanii kabachiisuu keessatti hojii abbootiin isaanii hojjetan yeroo itti irra deebi’uun mirkaneessan ta’uu eeraniiru.

Hojiin Birmadummaa biyyaa kabachiisuu milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisee  hoggansi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kennan  yeroo kamiyyuu irraanfatamuu hin qabu jedhan.

Gara fuula duraattis birmadummaa biyyaa cimsuuf humna , ga’umsaa fi hojiimaata Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment