Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Qarqara Galaanaa Xaaliyaanitti guyyaa kaleessaa balaa Bidiruu lama muudateen lubbuun namoota 11 yoo darbu, namoonni 60 ol achi buuteen isaanii dhabamuu ibsame.
Balaa dhidhimuu Bidiruu dhiyeenya Odola Laampeeduusaarra imalaa turterra qaqqabeen lubbuun imaltoota 51 baraaramuu Dhaabbanni Tola Oolaa Jarman ibseera.
Reenfi namoota 10 argamuus himeera.
Nama tokkorra ammoo miidhaan cimaan qaqqabuun takka turee lubbuun isaa darbuu eereera.
Bidiruun kun Liibiyaa ka’uu fi Godaantoota Sooriyaa, Ijipti, Paakiistaanii fi Baangilaadeesh feetee imalaa turuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Bidiruun tokko ammoo Qarqara Galaanaa Kaalaabiriiyaanii Kibba Xaaliyaaniitti balaan irra qaqqabuu ibsameera.
Balaa Bidiruuwwan lamaanirra muudateen lubbuun namoota 11 darbuu fi namoonni 60 achi buuteen isaanii kan hin argamne ta’uu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.