Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 9 bakka Maabraat Hayil jedhamutti balaa Abiddaa sheediiwwan meeshaalee 7rraatti qaqqabeen qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsame.
Qabeenyi sheediiwwan kanneen keessa ture guutumaan guutuutti barbadaa’uu fi namarra miidhaan qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibsameera
Konkolaattaawwan abidda dhaamsan 20 gara fi hojjettoonni bakkichatti argamuun balichi gara sheediiwwan biroo fi manneen jireenyaatti osoo hin babal’atiin to’atamuu eerameera.
Ka’umsi balichaa fi hangi miidhaa qabeenyarra ga’e qoratamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.