Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 2ffaan kennama jedhame

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 2ffaan kan kennamu ta’uu Ejensiin Qormaata Biyyaalessaa beeksise.

Bara barnootaa 2013tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf barattoonni kuma dhibba 6 ol buufataalee qormaataa kuma 2 olitti fudhachuuf galmaa’uu Itti aanaan Daayreektara Ejensichaa obbo Tafarraa Fayisaa ibsaniiru.

Marsaa jalqabaan barattoonni %90 ta’an kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti qormaanni marsaa 2ffaan kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Bakkeewwan marsaa 2ffaan qormaanni itti kennamus Walloo Kibbaa, Walloo Kaabaa fi Waagimraa ta’uu eeraniiru.

Barattoota marsaa 2ffaan qormaaticha fudhataniif hojiin ijaarsa xiinsammuu, keessa deebii kan kennamu ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Amaaraan alatti bakkeewwan adda ba’an yoo jiraatan marsaa 2ffaan qormaata kan fudhatan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment