Bakkeewwan hawata tuuriizimii Oromiyaa daawwachiisuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraatan bakkeewwan hawata tuuriizimii Oromiyaan qabdu daawwachiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Koomishiniin Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Ogeessii Biraandii fi Misooma Gabaa Koomiishinichaa Obbo Barakat Dassee akka ibsanitti, waamicha Ityoopiyaanota dhalootaa 2ffaa biyyaa alaa jiraataniif taasifame, damicha keessatti daran kaka’umsa uumuuf gahee olaanaa qaba.

Itiyoophiyanonni gara biyyaatti dhufan turtii Naannoo Oromiyatti taasisan milkaa’aa taasisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qophii barbaachisaan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bakkeewwan hawata tuuriizimii, aadaa fi dhuudhaalee Oromoo akka hubatan hojii bal’aan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Uffannaa, nyaata aadaa, dhiichisa aadaa fi dhuudhaalee biroo beeksisuuf waltajjiiwwan garaagaraa akka qophaa’anis FBC’f ibsaniiru.

Dhaabbileen tajaajilaa fi hoteelotaa naannichatti argamanis Itiyoophiyaanota keessummeessuuf qophii taasisaa jiraachuu himanii, tajaajila isaaniin hir’isa gatii akka taasisaan himaniiru.

Itiyoophiyaanonni dhalootaa 2ffaa waamcihaa taasifame simachuun aadaa fi duudhaa biyya isaanii akkasumas bakkeewwan hawwata tuuriizimii uumamaa fi namtolchee akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment