Bakkeewwan filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa hin gaggeeffamnetti filannoon gaggeeffamuufi – BFB

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) –Naannoo Tigraay dabalatee bakkeewwan filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa hin gaggeeffamnetti filannoon naannawaa bara 2016 kan gaggeeffamu ta’uu Boordiin Filannoo biyyaalessaa beeksiseera.

Boordichi raawwii karoora bara 2015 kan Baatiwwan salgan darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Diimookiraasiif dhiyeesseera.

Bakkeewwan filannoon marsaa 6ffaa hin gaggeeffamnetti bara dhufu raawwachuuf karoorfamuu Itti Aanaa Walitti qabaan Boordichaa Obbo Wubisheet Ayyalaan ibsuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment