Bakka Raayyichi socho’u hundatti deeggarsi ummataa cimaan akkuma itti fufetti jira – Leetanaal Jeneraal Salamoon Ittifaa

Finfinnee, Onkololeesa 13, 2016 (FBC) – Iddoolee Raayyaan Ittisaa biyya tiksuuf socho’u hundatti deeggarsi Ummataa cimaa ta’e jiraachuu Ajajaa Olaanaan Qajeelcha ajaja Kibbaa Leetanaal Jeneraal Salamoon Ittifaan ibsan.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuun hoggantoonnii fi miseensonni Raayyichaa jiraattoota magaalaa Shaashamannee waliin marii taasiisaniiru.

Raayyaan Ittisaa biyya Tiksuuf wareegama olaanaa kaffalaa jiraachuu Leetanaal Jeneraal Salamoon Ittifaan maricharratti dubbataniiru.

Iddoolee Raayyaan Ittisaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf socho’u hundatti ummanni deeggarsa cimaa taasisaa jiraachuu kaasuu TOI gabaaseera.

Raayyaan Ittisaas ergama biyyaa fi ummataa ga’umsaan ba’uuf humna nageenyaa ta’ee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment