Bakka itti marfamee tureetti guyyoota 5f nyaataa fi bishaan dhorkamee kan turee raayyaan ittisa biyyaa Izziin kaabaa bakka marfamee keessa ba’uun deebi’ee haleelaa jira-Jeneraal Birhaanuu

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Garee badii ABUT keessaa jiruun marfamuun guyyoota 5f nyaataa fi bishaan dhorkamee kan turee raayyaan ittisa biyyaa Izziin kaabaa bakka marfamee keessaa ba’uun deebi’ee haleeluun iddoowwan garaagaraa to’aachuun gara fulaa duraatti imalaa jiraachuu Etamaajoor Shuumii Raayya Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsaniiru.
Garee hattichaan marfamanii kan tura meekaanaayizdii 7ffaa, meekaanaayizdii 8ffaa, kutaa waraanaa 23ffaa kutaa waraana 11ffaa, kuta waraanaa 31ffaa, kutaa waraana 20ffaa, meekaanaayizdii 4ffaa, meekaanaayizdii 5ffaa guutuummaa guutuutti kan waraana Izzii akka ture ibsaniiru.
Jeneraal Birhaanuu Juulaa raayyaan ittisa biyyaa kun guyyoota shaniif nyaataa fi dhugaatii dhorkamee, beelaa fi dheebuu keessa ta’uun onnummaan ittisuun raayyaan ittisa biyyaaf fakeenyaa ta’ee argamuun maqaa uummattoota Ityoophiyaan galateeffataniiru.
Raayyaa ittisa biyyaa kunneen bakka marfamanii baasuuf hoggantoonni raayyaa ittisa biyyaa miseensoota bahaarraa, kibbaa fi dhihaarraa qaqqabuun Izzii kaabaa oolchaniif erga baga gammadanii dabarsaniiru.
Yeroo amma kanas raayyaan ittisa biyyaa bakka marfamee ba’uun qindoomee guyyoota sadeen darbaniitti Daanshaa dabalatee Humaraatti kan argamuu buufata xiyyaaraa to’annasa jala oolcheera.
Dabalataniis Humaraarra kiilo meetira 60 fagaachuun gara bahaatti bakka Idiriis jedhamutti garee badiirratti tarkaanfii fudhachaa jiraachii Jeneraal Birhaanuun ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Obbo Dammaqaan sababni inni guddaan gochi hamaa isaa kana kan itti fufe kabaja waliin jiraachuu fi tokkummaa lammiilee Ityoophiyaa gadii buusuuf kutate kan ka’ee hanga sa’aatii dhuumaatti raawwachuuf kaaayyeefateeti jedhaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment