Bakka buutota Warshaalee simiintoofi Raabsitoota simintoo waliin mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2013 (FBC) – Biiroon Daldalaa Oromiyaa qajeelfamaa, karoora dhiyeessii fi raabsaa simintoo raawwachiisuuf qophaa’e irratti bakka buutoota warshaalee simiintoo fi raabsitoota simintoo waliin mari’ate.
Hoogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa obbo Dhangee Boruu akka jedhanitti gatiin yeroo ammaa simintoorratta dabalaa jiru daldala otuu hin ta’in qumaara ta’aa jira.
Warshaaleen simiintoo adeemsa heddu keessa darbuun simintoo kumtaala tokko qarshii 300 gadi gurguraa otuu jiran fayyadamtootaaf dachaa sadii dabaluun hanga qarshii 950 gurguramaa jira.
Kun ammoo hojii daldala otuu hin ta’in saamichatu gaggeeffamaa jira.
Seektarri konistiraakshinii carraa hojii dargaggoota uumuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’us yeroo ammaa daldaltoota sadarkaan jiran saamicha gaggeessaa jiraniin rakkoo keessa galaa jirra.
Qaxxaamuraan duroomuf dargaggeessa daabboo nyaatee buluuf carraaqu hagabuu bulchuun madaallii kamuunuu yakka.
Kanaafuu kana sirreessaa deemuun dhimma filannoo otuu hin ta’in dirqama ta’uu isaa himaniiru.Bu’uruma kanaan qajeelfamni kun qophaa’ee jira jedaniiru.
Akka Biiroon dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti, qajeelfama qophaa’ ee kanarratti ammoo mari’achuun barbaachisaa waan ta’eef waltajjiin kun qophaa’uu isaa eeraniiru.
Marii kanaanis qooda fudhattoonni hundi hubannoo gahaa argachuun gahee isaanirraa eegamu bahachuun rakkoo jira akka hiikamaa deemu abdii qabn kan dubbatan obbo Dhangeen yoo ta’uu baatee garuu tarkaanfii barbaachisaa ta’e fuhdachuun sirreessun dirqama akka ta’e ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment