Bakka buutoota attaasheewwan raayyaa ittisaa biyyoota garaagaraaf ibsi laatamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Ministeerri raayyaa ittisa biyyaa bakka buutoota attaasheewwan raayyaa ittisaa biyyoota garaagaraaf haala duula birmadummaa irratti ibsa laataa jira.

 

Bakka Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa argamanitti attaasheewwan raayyaa ittisaa biyyoota 45f haala duula birmadummaa naannoo Tigraayiiti gaggaaffamaa jiru ilaalchisee ibsi laatamaa jira.

 

Kaayyoo tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaa biyyaa murna ABUT irratti fudhatamaa jiru, ka’umsaa fi sadarkaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsi laatameera.

 

Garee yakkamaa gantummaa fi haleellaa raayyaa ittisa biyyarratti raawwate seeraatti dhiyeessuuf duula gaggeeffamaa jiru ta’uu Dooktar Qana’aan hubachiisaniiru.

 

Gareen kun waraanaaf of qopheessaa ture kan jedhan ministirichi, gochaawwan heera mootummaa faalleessan hedduu raawwachuu fi garee birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf socho’aa jiru seeraatti dhiyeessuuf duula kaayyeeffame ta’uu eeraniiru.

 

Murni kun duula ummatarratti labsame fakkeessuun olola garaagaraa dhiyeessuun uwwisa idila addunyaa argachuuf tattaaffii olaanaa taasiisa jiraachuu eeraniiru.

 

Duullichi ummata nagaa fi garee badii adda baasuun xiyyeeffannoo olaanaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsi qaamoolee kanneeniif laatameera.

 

Haamtaamuu Taklasilaaseetu gabaase

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment